Skip to content

"Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha".

Adiyyi bin Haatim irraa odeeffamee, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:

"Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha".

«الْيَهُودُ مَغْضُوبٌ عَلَيْهِمْ، وَالنَّصَارَى ضُلَّالٌ».

Tirmiziitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nbiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yahuudonni ummata Rabbiin itti dallane ta’uudha himan; Sababni isaas waan isaan dhugaa beekanii itti hin hojjatiniif jecha. Kiristaanonni immoo ummata karaa haqaa irraa maqan ta'uudha himan; sababni isaas beekumsa malee waan hojjataniif jecha. ​

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Gidduu beekumsaa fi dalagaa walitti qabaachuun karaa warra irratti dallanameeti fi karaa warra karaa haqa irraa maqanii irraa nagaa nama baasaadha.

Karaa yahuudaa fi Kiristaanotaa irraa akeekkachiisuudha, akkasumas karaa qajeelaa Islaamummaa irratti cichuun barbaachisaa akka ta'eedha.

Hundummaan Yahuudotaa fi kiristaanotaa jallatoo fi irratti dallanamoo yoo ta’an, garuu ibsi adda ta’e Yahuudootaaf dallansuudha, ibsi adda ta’e kiristaanotaaf immoo jal'ina. ​

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (5/ 71) (2954).

Dabalata (3)

النهاية في غريب الحديث و الأثر ( ص 548).

المنهل العذب المورود (5/250).

البحر المحيط الثجاج (9/248).