«Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu».
Abul Abbaas Sahl ibnu Sa'ad Assaa'idii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: namichi wohii gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii!, hojiin yoo isa hojjadhe, Rabbiin na jaallatee, namnis na jaallatutti na qajeechi?, isaanis akkas jedhani:
«Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu».
«ازْهَدْ فِي الدُّنْيَا يُحِبُّكَ اللَّهُ، وَازْهَدْ فِيمَا عِنْدَ النَّاسِ يُحِبُّكَ النَّاسُ».
Namichi wohii gara hojii yoo inni isa hojjate Rabbiin isa jaallatuu fi namnis isaa jaallatuutti, akka isa akeekaniif jecha, Nabiyyii gaafate- Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaan jedhani: duuniyaa irraa waan haajaa kee irraa hafee fi Aakhiraattis si hin fayyanne yoo dhiiftee, akkasumas waan amantii kee irratti miidhaa ta'uu malus yoo dhiifte, Rabbiin si jaallata, namoonni immoo duuniyaa harka isaanii jiruuf dhimma yoo dhabde si jaallatu; uumama isaaniitiin duuniyaa jaallatu waan ta'eef jecha, duuniyaa keessatti nama isaaniin wol dhiibe ni jibbu, nama duuniyaa isaanif dhiise immoo ni jaallatu.
Duuniyaaf dhimma dhabuu jechuun, waan Aakhiraaf isa hin fayyanne dhiisuudha.
Zuhdiin (dhiimma dhabuun) sadarkaan isaa wara'iidhaa oli; wora'iin waan nama miidhuu malu dhiisuu waan ta'eef, zuhdiin immoo, waan Aakhiraatti bu'aa hin qabne dhiisuu waan ta'eef jecha.
Aalimni islaamaa Sindiin akkas jedhe: duuniyaan namoota biratti jaallatamtuudha, nama isii keessatti isaanii waliin wal dhiibe, hanguma wol dhiibbaa sanaatiin isaan biratti jibbamaa ta'a, namni isaanii fi jaalallee isaanii dhiise immoo hanga dhiisa isaatiin, qalbii isaanii keessatti jaallatamaa ta'a.
Sunana Ibnu Maajaa (5/ 225) (4102).
Dabalata (7)
Al-Arba'uunnawawiyyaa (ص118) (ح31).
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية (ص73).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين (ص111).
الفوائد المستنبطة من الأربعين النووية.
للشيخ عبد الرحمن البراك (ص87).
الأحاديث الأربعون النووية وعليها الشرح الموجز المفيد.
لعبد الله بن صالح المحسن (1/61).
Cited in books
4 BooksDabalata (4)
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 3«ازهَدْ في الدُّنْيَا يُحِبَّكَ اللهُ، وَازْهَدْ فِيمَا عِنْدَ النَّاسِ يُحِبَّكَ النَّاسُ».
- شرح الأربعين النووية«ازْهَدْ فِي الدُّنْيَا يُحِبُّك اللَّهُ، وَازْهَدْ فِيمَا عِنْدَ النَّاسِ يُحِبُّك النَّاسُ».
- مجموعة زاد الحديث(2)1(وازهدْ فيما عندَ الناسِ)
- مجموعة زاد الحديث(2)1(ازْهَدْ فِي الدُّنْيَا يُحِبَّكَ الله...)