Skip to content

"Rabbiin nama toltuu isaaf fedhe, rakkoon isa tuqa".

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Rabbiin nama toltuu isaaf fedhe, rakkoon isa tuqa".

«مَنْ يُرِدِ اللهُ بِهِ خَيْرًا يُصِبْ مِنْهُ».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- dhugumatti Rabbiin gabroota isaaa mu'umintoota keessaa nama tokkoof toltuu yoo fedhe lubbuu isanii, qabeenya isaaniitii fi maatii isaaniitiin hamtuun tuqee isaan mokkora, gama Rabbii deebi'uun, isa kadhachuun, badiiwwan isaaf haqamuu fi sadarkaan ol fuudhamuun sababaa sanaatiin mu'minaaf waan argamuuf jdcha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Mu'uminni gosoowwaan balaa addaa addaatiif saaxilamaadha.

Mokkoramuun Rabbiin gabricha isaa jaallachuuf mallattoo ta'uutu mala, sadarkaa isaa akka ol fuudhuuf, teessuma isaa akka guddisuu fi badiiwwan isaa akka haquuf jecha.

Yeroo balaan nama mudatutti obsuu fi dallanuu dhabuutti kakaasuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (7/ 115) (5645).

Dabalata (12)

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 509).

بهجة الناظرين.

لسليم الهلالي (1/ 98).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص45).

نزهة المتقين.

مجموعة من المشايخ (1/ 71).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (1/ 244).

مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.

لعلي القاري (3/ 1127).