Skip to content

«Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».

Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan:

«Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».

«اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ غَلَبَةِ الدَّيْنِ، وَغَلَبَةِ الْعَدُوِّ، وَشَمَاتَةِ الْأَعْدَاءِ».

Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wantoota armaan gadii irraa maganfatan: Tokkoffaa: (Yaa Rabbi! ani sitti maganfadha) kooluu barbaada, (sitti) si malee kan biraatin hin maganfadhu (liqaan moo’amuu) cunqursaa, yaaddoo fi dhiphina isaa irraa, akkasumas liqaa kana kaffaluuf akka na gargaartu si gaafadha. Lammaffaa: (diinaan moo’amuu) cunqursaa fi ol’aantummaa agarsiisuu isaa irraa sitti magnfadha, akkasumas miidhaa isaa akka narraa qabdee, kan isa moo'adhu akka na taasistu si kadhadha. Sadaffaa: (Diinni namatti gammaduu) balaa fi rakkoo Muslimtoota mudatutti gammaduu isaanii irraa sitti maganfadha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Waan Rabbiif ajajamuu irraa yaada namaa hihhiruu fi yaaddoo fidu kan akka liqaa fi kan biroo hunda irraa maganfachuu irratti kakaasuudha.

Liqaa fudhatuun rakkoo hin qabu, garuu rakkoon nama liqaa hin deebisne bira jira, isa kana liqaa nama moo'atu jechuun.

Namni tokko wantoota namni itti gammaduu fi qeeqamu irraa fagaachuu qaba.

Diinummaa kaafiroonni mu'umintootaf qabanii fi yeroo balaan isaan mudatu isaanitti gammaduu isaanii ibsuudha.

Diinonni balaa namatti dhufutti gammachuu mul'isuu isaanitu balaa nama mudatu irra namatti ulfaata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Nasaa'ii (8/ 265) (5475).

Musnada Ahmad (11/ 189) (6618).

Dabalata (6)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (7/ 569).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 450).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 497).