«Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi».
Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi».
«مَنْ قَرَأَ بِالْآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ الْبَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni halkan keessatti suuraa baqaraa irraa aayaa lameen dhumaa qara'e, Rabbiin hamtuu fi jibbamaa irraa akka isaaf ga'u himan, halkan dhaabbachuu irraas isaaf geessis jedhameera, zikriiwwan biroo irraas isaaf geessis jedhameera, akkanas jedhameera: isaan lameen Qur'aana qara'uu irraa irra xiqqaa waan salaata halkanii keessatti namaaf ga'u, kan biroos jedhameera, hundi waan dubbatamee sirrii kan jechichi of keessatti qabatu ta'uutu mala.
...:
Sadarkaa dhuma suuraa baqaraa ibsuutu keessa jira, aayaan sun jecha Rabbii ol ta'eeti: (Aamana Arrasuulu....) irraa kaasee hanga dhuma suuraatti.
Dhumni suuraa baqaraa halkan irraa yoo isii qara'e nama isii qara'e irraa badaa, hamaa fi shayxaana isa irraa deebisti.
Halkan aduun dhihuun eegala, fajriin ba'uun xumurama.
Sahiiha Bukhaarii (6/ 188) (5008-5009).
Sahiiha Muslim (1/ 554) (807).
Dabalata (10)
فتح الباري بشرح صحيح البخاري.
لابن حجر (9/ 56).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 240).
تطريز رياض الصالحين.
لفيصل آل مبارك (ص593).
مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.
لملا علي القاري (4/ 1465).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمصطفى الخِن وغيره (2/ 757).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"من قرأ آيتين من آخر سورة البقرة في ليلة كفتاه".
- تحفة الأخيار تحفة الأخيار (ببيان جملة نافعة مما ورد في الكتاب والسنة من الأدعية والأذكار)«مَنْ قَرَأَ بِالآْيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ البَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ» [68]
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«مَنْ قرأ بالآيتَينْ مِن آخرِ سُورةِ البَقَرةِ في ليلةٍ كَفَتَاهُ».
- مجموعة زاد التفسير (1)التفسير 1«من قرأ بالآيتين من آخر سورة البقرة في ليلة كفتاه» .
- مجموعة زاد التفسير (1)التفسير 1«من قرأ بالآيتين من آخر سورة البقرة في ليلةٍ كَفَتَاه» .
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «مَنْ قَرَأَ هَاتَيْنِ الْآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ الْبَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ»