Skip to content

«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».

«أَكْمَلُ الْمُؤْمِنِينَ إِيمَانًا أَحْسَنُهُمْ خُلُقًا، وَخَيْرُكُمْ خَيْرُكُمْ لِنِسَائِهِمْ».

Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni iimaana irra guutuu qabu nama haalli isaa tole akka ta'e himani, sun fuula ifuu, toltuu hojjachuu, haasawa toluu fi miidhaa ofii nama irraa qabachuudha. irra caalaan mu'umintootaa worra dubartoota isaaniitiif irra caalaa ta'ani, akka haadha manaa isaa, ilmaan isaa shamarranii, obboleettiwwan isaa, firoottan isaa shamarranii; isaantu namoota biraa irra haala itti toluu irra haqa godhata waan ta'eef jecha.

Hiika jechchootaa

....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa haala bareedaa qabaachuun qabuu fi sun iimaana irraa ta'uudha.

Hojiin iimaanarraayi, iimaanni ni dabalas ni hirdhataasi.

Kabajaa islaamummaan dubartootaaf qabuuu fi isaanitti tola ooluutti kakaasuu isaati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (7/ 70) (4682).

Sunana Tarmizii (2/ 454) (1162).

Dabalata (9)

مسند أحمد ط الرسالة (12/ 364) (7402).

سلسلة الأحاديث الصحيحة وشيء من فقهها وفوائدها.

للألباني (1/ 573).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 362).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (3/ 130).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (5/ 234).