Skip to content

«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».

Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu- akkana jedhan:

«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».

«الدُّعَاءُ لاَ يُرَدُّ بَيْنَ الأَذَانِ وَالإِقَامَةِ».

Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa Du'aa'iin waamicha azaanaa fi iqaamaa gidduutti godhamu qabu, inni akka hin didamnee fi deebii argachuu akka qabu ibsaniiru, kanaaf yeroo kana keessatti Rabbiin kadhadhaa.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa yeroo kana kadhachuun qabuudha.

Kadhataan naamusa kadhannaa hordofee, bakkoolee isaa fi yeroo isaa kan sadarkaa qabu keessatti yoo kadhate, Rabbiif ajajamuu diduu irraa fagaachuun, waan shakkii qaban keessa akka hin kufne yoo of eegee, Rabbitti yaada yoo tole, fedha Rabbiitin Rabbiin isaaf awwaachuun ni mala.

Munaawiin waa’ee du'aa'iin qeebalamuu ilaalchisee akkana jedhe: Jechuunis: haal-duree, utubaalee fi naamusaalee kadhannaa erga walitti qabee boodaadha, isaan keessaa tokko yoo hafe ofii isaa malee nama komatu hin qabu.

Du'aa'iin qeebalamuun: Yookaan kadhannaan isaa isaaf ni ariifata, yookaan hammeenyi walfakkaataan isa irraa ni deebi'a, yookaan immoo aakhiraatti isaaf ol kaayama; Kunis akka ogummaa fi rahmata Rabbiitiini.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (1/ 253) (212).

Sunana Abbaa Daawuud (1/ 392) (521).

Sunana Kubraa kan Nasaa'ii (9/ 32) (9812).

Dabalata (10)

الثمر المستطاب في فقه السنة والكتاب.

الألباني (1/ 200).

توضيح الأحكام شرح بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (1/ 548).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (2/ 309).

فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (1/ 486).

سبل السلام.

لمحمد الصنعاني (2/ 707).