Skip to content

"Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".

«السِّوَاكُ مَطْهَرَةٌ لِلْفَمِ، مَرْضَاةٌ لِلرَّبِّ».

Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti damee muka aadigaatii fi kan isa fakkaatuun ilkaan qulqulleeffachuun hafuura badaa fi xuriiwwan irraa afaan akka qulqulleessu himan. Akkasumas suwaakkatuun sababoowwan garbichi jaalala Rabbii ittiin argatu irraa ta'uu himan; waan isa keessa Rabbiin tole jechuu fi ajaja isaa fudhachuun jiruuf jecha, akkasumas waan qulqullinni Rabbiin ol ta'e jaallatu isa keessa jiruuf jecha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa suwaakkachuun qabuu fi akka isa heddummeessanuuf Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii kakaasuudha.

Suwaakkachuu keessatti irra caalaan damee muka araakii fayyadamuudha, buruushii fi saamunaa fayyadamuun bakka isaa ni bu'a.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Nasaa'ii (1/ 10) (5).

Musnada Ahmad (40/ 240) (24203).

Dabalata (6)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 342).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخِن وغيره (2/ 852).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص675).