Skip to content

Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha"

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Akkana jedheetiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe: Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha" ni jedhe (ibnu mas'uud): Waa’ee isaanii natti himan, osoon dabalataan isaan gaafadhee silaa naaf dabalu ture.

سَأَلْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَيُّ العَمَلِ أَحَبُّ إِلَى اللَّهِ؟ قَالَ: «الصَّلاَةُ عَلَى وَقْتِهَا»، قَالَ: ثُمَّ أَيٌّ؟ قَالَ: «ثُمَّ بِرُّ الوَالِدَيْنِ» قَالَ: ثُمَّ أَيٌّ؟ قَالَ: «الجِهَادُ فِي سَبِيلِ اللَّهِ» قَالَ: حَدَّثَنِي بِهِنَّ، وَلَوِ اسْتَزَدْتُهُ لَزَادَنِي.

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun gaafataman: Hojiin Rabbi biratti baay’ee jaallatama isa kami? Ni jedhan: Salaata dirqama ta'e yeroo isaa kan Abbaan shari'aa tumeen salaatuudha. Eegasii Abbaa fi haadhatti tola ooluudha, gaarii isaanii gochuu, haqa isaanii bahachuu fi isaanitti mataa jajjabaachuu dhabuun, Eegasii jecha Rabbii ol ta'ee ol taasisuuf, akkasumas Amantii Islaamaa fi warra isaa irraa diina deebisanii mallattoowwan isaa muldhisuuf jecha karaa Rabbii keessatti lubbuu fi qabeenyan duuluudha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: waa’ee hojiiwwan kanaa natti himan, osoon : Eegasii kami? jedheenii silaa naaf dabalan.

Hiika jechchootaa

.....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Hojiileen akkaataa jaalala Rabbiin isaaniif qabuun wal caaluudha.

Hojiilee irraa irra caalaa eegasii irra caalaa hojii hojjachuu irratti akka bololuuf Muslima kakaasuudha.

Irra caalaa hojiilee irraa deebiileen Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka wal dhabbii namoota gaafataniitii fi haalowwan isaanitiin wal dhabuudha, akkasumas kan tokko tokkoo isaanitiif hedduu faaydaa qabeessa taheen.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 112) (527).

Sahiiha Muslim (1/ 90) (85).

Dabalata (6)

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (1/ 70).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

للبسام (ص84).

تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.

لابن عثيمين (1/ 108).