«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira».
«إنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ لِي عَنْ أُمَّتِي الخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala sadii keessatti, Rabbiin akka ummata isaaniitiif dhiifma godheef himu: Inni jalqabaa: dogongora, innis osoo hin beekin waan isaan irraa argameedha, innis muslmni tokko hojii isaatiin waan tokko niyyatee, garuu hojiin isaa waan inni yaadeen alatti kan biraa ta'uudha. Lammaffaan: irraanfiidha, innis muslimni tokko waan tokko yaadataa turee, yeroo hojjatamutti immoo isa irraanfachuudha, kana keessattis badiin hin jiru. Sadaffaan: Dirqisiifamuudha, dirqisiisa san of irraa deebisuu irraatti dandeetti dhabuu waliin, gabrichi waan hin feene hojjachuu irratti dirqisiifamuutu mala, yeroosan badii fii komiiin isatti hin argamu. Hadiisni kan inni irraa dubbatu, wantoota dhoorgaman hojjachuu keessatti, waan gabrichaa fi Rabbii isaa gidduutti ta'u keessatti akka ta'e hubachuutu barbaachisa, wantoonni itti ajajaman immoo irraanfatanii dhiisuudhaan namarraa hin bu'u, garuu waan dhoorgamaa dirqisiifamee hojjate sanaan, nama irratti daangaa darbuun yoo jiraate immoo, haqni uumamaa hin kufu, akkuma yoo dogongoraan ajjeeseetti, gumaatu isarra jira yookaan dogongoraan konkolaataa isaa kan balleesse yoo ta'e, kaffaluu qaba.
Bal'ina rahmata Rabbii ol ta'eetii fi mararfannaa inn gabroottan isaatiif qabuudha, haalota sadeen kana keessatti, balleessaan yoo isaan irraa argame, badii isaan irraa fuudhee jira.
Tola Rabbiin Nabiyyii fi ummata isaanii irratti ooleedha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
Badiin nama irraa kaafamuun, murtoo fi kaffaluun kaafamuudha jechuu miti, fakkeenyaaf, namni wuduu'a irraanfatee, wuduu'a qaba se'ee salaate, sana gochuuf badiin isa irra hin jiru, garuu immoo wuduu'a godhatee salaata deebisuutu isa irra jira.
Dirqisiisaa keessatti badiin nama irraa ka'uuf, ulaagaalee guutamuu qabantu jiru, akka namni nama dirqisiisu sun waan irratti nama sodaachisee dirqisiise sana raawwachuutti dandeettii qabaachuu faa.
Sunana Ibnu Maajaa (3/ 200) (2045).
Sunana Kubraa kan Behaqii (7/ 584) (15094).
Dabalata (5)
Al-Arba'uunnawawiyyaa (ص127) (ح39).
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية.
لإسماعيل الأنصاري (ص89).
شرح الأربعين النووية.
لابن عثيمين (ص382).
Cited in books
7 BooksDabalata (7)
- المختصر في آداب السفر وصفة الحج والعمرة وآداب الزيارة والأدعية الجامعة مع ملحق بالفتاوى والمخالفات6- فتاوى الحج والعمرة والزيارة (للحرمين)«رُفِعَ عَنْ أُمَّتِي الخَطأُ والنِّسْيانُ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيهِ».
- سؤال وجواب حول الإسلام«رُفِعَ عن أُمَّتي الخطأَ والنِّسيانَ وما استُكْرِهوا عليهِ»
- شرح الأربعين النووية«إنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ لِي عَنْ أُمَّتِي الْخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ».
- صفة الحج«إِنَّ اللهَ تَجَاوَزَ عَنْ أُمَّتِي الْخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ»[33].
- فتاوى الحج والعمرة والزيارة«رفع عن أمتي الخطأ والنسيان وما استكرهوا عليه».
- فتاوى الحج والعمرة والزيارةفتاوى الحج والعمرة والزيارة (للحرمين)«رفع عن أمتي الخطأ والنسيان وما استكرهوا عليه».
- مجموعة زاد التفسير (1)التفسير 1«إِنَّ اللَّهَ وَضَعَ عَنْ أُمَّتِى الْخَطَأَ وَالنِّسْيَانَ وَمَا اسْتُكْرِهُوا عَلَيْهِ» .