Skip to content

«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».

Anas ibnu Maalik irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan:

«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».

«يَسِّرُوا وَلَا تُعَسِّرُوا، وَبَشِّرُوا وَلَا تُنَفِّرُوا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhimmoota diinii fi duuniyaa hunda keessatti namootatti laaffisuu, isaanitti salphisuu fi isaanitti jabeessuu dhabuutti ajajani, sun immoo daangaa waan Rabbiin eeyyamee karaa godhe keessatti. akkasuma toltuun isaan gammachiisuu fi isa irraa isaan ari'uu dhiisuutti kakaasani.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

dirqamni mu'umina irra jiru namoonni Rabbiin akka jaallatan gochuu fi toltuutti isaan kakaasuudha.

nama karaa Rabbiitti waamuuf akkaata waamicha Rabbii namootatti ittiin qaqqabsiisu hikmaan ilaaluutu isa irraa barbaachisa.

gammachiisuun nama karaa Rabbiitti waamuuf gammachuu fi namoonni isatti deebi'uu isa dhaalchisa akkasuma waan namootatti dhiheessu kana keessattis tasgabbii isaaf fida.

jabeessuun baqa, dugda galuu fi haasaa nama karaa Rabbiitti waamuu shakkisiisuutu irraa dhalata.

Rahmanni Rabbii gabroota isaatiif bal'aa ta'uu isaa, inni dhugumatti amantaa laafaa fi shari'aa laafaa isaaniif filate.

laaffisuun itti ajajame isa shari'aan isaan dhufteedha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 25) (69).

Sahiiha Muslim (3/ 1358) (1732).

Dabalata (6)

شرح صحيح البخاري.

لابن بطال (1/ 153).

إرشاد الساري لشرح صحيح البخاري.

لأبو العباس القسطلاني (1/ 169).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 687).