Skip to content

«Sahaabota koo hin arrabsinaa, tokkoon keessan osoo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqateellee, muddii tokkoo isaanii hin ga'u, wolakkaa isaatuu hin ga'u».

Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Sahaabota koo hin arrabsinaa, tokkoon keessan osoo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqateellee, muddii tokkoo isaanii hin ga'u, wolakkaa isaatuu hin ga'u».

«لاَ تَسُبُّوا أَصْحَابِي، فَلَوْ أَنَّ أَحَدَكُمْ أَنْفَقَ مِثْلَ أُحُدٍ ذَهَبًا مَا بَلَغَ مُدَّ أَحَدِهِمْ، وَلاَ نَصِيفَهُ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota arrabsuu irraa dhoorgani, keessattuu muhaajirootaa fi ansaarota irraa durabuutota jalqabaa; akkasumas namni tokko osoo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqatee, mindaan isaa hanga mindaa sahaabaan tokko nyaata muddii tokko yookaan wolakkaa isaa saddaqatuu akka hin geenye himani, -muddiin tokko guutuu ganaa lameen nama giddu galeessa ta'eeti-; mindaan sahaabaa kan adda wanti ta'eef ikhlaasni isaanii irra dabalaa ta'uu, niyyaan isaanii dhugaa ta'uu fi yeroo haajaan jabaan jiru fathii makkaatiin duratti kennaa fi qabsoo keessatti dura bu'oo ta'uu isaaniitiifi.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sahaabota arrabsuun -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- haraama, akkasumas badii gurguddoo irraati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (5/ 8) (3673).

Sahiiha Muslim (4/ 1967) (2540).

Dabalata (8)

عمدة القاري شرح صحيح البخاري.

لبدر الدين العيني (16/ 187).

المنهاج شرح صحيح مسلم بن الحجاج.

للنووي (16/ 93).

الإفصاح عن معاني الصحاح.

ليحيى بن هبيرة (8/ 70).

نزهة النظر في توضيح نخبة الفكر في مصطلح أهل الأثر.

لأحمد بن حجر العسقلاني (ص111).