“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru
Anas bin Maalik irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14].”
«مَنْ نَسِيَ صَلَاةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لَا كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ: {وَأَقِمِ الصَّلاةَ لِذِكْرِي} [طه: 14]».
Nabiyyiin -nagaa rahmatni irra haa jiraatu- namni salaata waajibaa kamiyyuu hanga yeroon isaa darbutti raawwachuu irraanfate, yeroma isa yaadatetti ariifatee daddafee isa qadaa baasuu akka qabu ibsaniiru, Muslimni gaafa yaadatu yoo salaate malee dilii saniif dhiifamni ykn haqamni waan hin jirreef jecha. Rabbiin Qur'aana kabajamaa isaa keessatti akkas jedhe: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14]”. jechuunis: yeroo yaadattetti salaata dagatame raawwadhu jechuu dha.
Barbaachisummaa salaataa ibsuudha, akkasumas isa raawwachuu fi bakka buusuu irratti dagannoon akka hin jirre hubachiisuudha.
rakkoo gahaa tokko malee itti yaadanii Salaata yeroo murtaa’e sanirraa tursiisuun akka hin hayyamamneedha.
Nama irraanfate irratti yeroo yaadatetti akkasumas nama rafe irratti yeroo hirriibaa ka'etti salaata qadaa baasuun dirqama ta'uudha.
Osoo yeroo dhoorgame keessattillee ta'ee Salaatowwan hatattamaan qadaa baasuun dirqama ta'uudha.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 122) (597).
Sahiiha Muslim (1/ 477) (684).
Dabalata (2)
فتح الباري لابن حجر (2/ 71).
البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (14/ 612).
Cited in books
5 BooksDabalata (5)
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«مَنْ نَسِيَ صَلاَةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لاَ كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ ﴿...وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ﴾[450]»[451].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«مَنْ نَسِيَ صَلَاةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لَا كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ ﴿...وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ﴾[450]»[451].
- المناهج التعليمية - الصف الرابعالمناهج التعليمية - الصف الرابع - الفقه«لَا كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَٰلِكَ» [20].
- خطب تعظيم قدر الصلاة" مَنْ نَسِيَ صَلاَةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لاَ كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ "
- محاضرات تعظيم قدر الصلاةمحاضرات في تعظيم قدر الصلاة" مَنْ نَسِيَ صَلاَةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لاَ كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ " [32]