Skip to content

«Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».

Sahal bin huneef irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».

«مَنْ سَأَلَ اللهَ الشَّهَادَةَ بِصِدْقٍ بَلَّغَهُ اللهُ مَنَازِلَ الشُّهَدَاءِ، وَإِنْ مَاتَ عَلَى فِرَاشِهِ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni karaa Rabbii irratti shahiidummaa fi ajjeefamuu gaafate, niyyaa isaa sana keessatti immoo dhugaa fI ikhlaasa qabaate, niyyaa isaa dhugaa sanaan Rabbiin sadarkoolee shahiidotaa isaaf akka kennu himani, jihaadaan alatti firaasha isaa irratti yoo du'ellee.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Waan danda'amu hojjataa niyyaan dhugoomuun sababaa mindaa fi ajrii yaadanitti ittiin ga'anidha, hojii barbaadamu sana yoo hin hojjannellee.

Jihaadaa fi karaa Rabbii keessatti shahiidomuu barbaaduutti kakaasuutu keessa jira.

Kabajaa Rabbiin ummata kanaaf godhe, hojii xiqqoodhaan jannata keessatti sadarkaa olaanaa isaaniif kenna.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (3/ 1517) (1909).

Dabalata (4)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 123).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 87).