Skip to content

Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».

Abdullaah ibnu Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».

لَمْ يَكُنِ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَاحِشًا وَلَا مُتَفَحِّشًا، وَكَانَ يَقُولُ: «إِنَّ مِنْ خِيَارِكُمْ أَحْسَنَكُمْ أَخْلَاقًا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

haasawni fokkataan yookaan hojiin fokkataan haala nabiyyii irraa hi turre -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekaas kan isa raawwatan hin turre, isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abbaa haala guddaa turani. Isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhu ture: Rabbiin biratti irra caalaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha, toltuu hojjachuun, fuula ifuun, miidhaa nama irra qabuu, kan nama irra ga'u immoo danda'uun, waan bareedaan namootatti makamuun.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

mu'uminni haasawa badaa fi hojii fokkataa irraa fagaachuu qabaadha.

haalli ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guutuu ta'uu isaa, hojii gaarii fi jecha bareedaa malee isaan irra hin argamu.

Haala toluun dirree wol dorgommiiti, namni haala toluun durse irra filatamaa fi iimaanaan irra guutuu mu'umintootaa ta'eera.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (4/ 189) (3559).

Sahiiha Muslim (4/ 1810) (2321).

Dabalata (4)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 672).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص410).