Skip to content

yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir».

Ubayyi bin ka'ab irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa? Rabbumaa fi ergamaa isaatu beekan jedhe. ergamaanis ni jedhani: «yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir».

«يَا أَبَا الْمُنْذِرِ، أَتَدْرِي أَيُّ آيَةٍ مِنْ كِتَابِ اللهِ مَعَكَ أَعْظَمُ؟» قَالَ: قُلْتُ: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ. قَالَ: «يَا أَبَا الْمُنْذِرِ، أَتَدْرِي أَيُّ آيَةٍ مِنْ كِتَابِ اللهِ مَعَكَ أَعْظَمُ؟» قَالَ: قُلْتُ: {اللهُ لا إِلَهَ إِلا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ} [البقرة: 255]. قَالَ: فَضَرَبَ فِي صَدْرِي، وَقَالَ: «وَاللهِ لِيَهْنِكَ الْعِلْمُ، أَبَا الْمُنْذِرِ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kitaaba Rabbii keessaa aayaa irra guddoo taate irraa ubayyi bin ka'abiin gaafatanii jennaan, deebii keessa qaqqabate, eegasii isiin aayat al-kursiyyiidha: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} jedhe, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa deeggaranii, beekumsaa fi hayyummaan guutamuu isaatti akeekuuf jecha qoma isaa keessa rukutani, beekumsa kanaan akka gammaduu fi akka isaaf laaffifamutti du'aa'iis godhaniif.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

sadarkaa guddoo ubayyi bin ka'ab qabuudha -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-

aayat al-kursiyyiin kitaaba Rabbii keessatti irra guddoo aayataati, qomatti isii qabachuu, hiikkaa isii xiinxaluu fi isiitti hojjachuutu barbaachisa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 556) (810).

Dabalata (4)

إكمال المعلم (3/178).

الكاشف عن حقائق السنن (5/1644).

المفهم (2/436).

البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (16/ 394).