«Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu».
Abuu Zuheyr Umaaraa bin Ru'eybaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu».
«لَنْ يَلِجَ النَّارَ أَحَدٌ صَلَّى قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا»
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuudha himan : Namni salaata subhii fi salaata asrii salaatee, san irratti tikfate ibidda akka hin seenne himan, salaata lamaan kanneen wanti adda baasaniif; isaan lamaan salaata hunda caalaa waan ulfaatoo ta’aniif jecha, akkasumas yeroon salaata subhii yeroo hirribni mi'aawu keessatti dhufa, yeroon salaata asrii immoo yeroo namni hojiilee adda addaa fi daldala guyyaa irratti bobba'u keessatti ta'a. Namni rakkina waliin salaata lamaan kanneen irratti tikfite, salaatowwan hafan irratti tikfachuun isaaf salphaadha.
Sadarkaa salaata subhii fi asriiti, salaata kanneen yeroon eeggatanii salaatuun barbaachisaa dha.
Namni salaata kanneen salaatu yeroo baay’ee dadhabbii fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’ee ibaadaa jaallata.
Sahiiha Muslim (1/ 440) (634).
Cited in books
4 BooksDabalata (4)
- الأربعون في تعظيم قدر الصلاةالأربعون في تعظيم قدر الصلاة «لَنْ يَلِـــجَ ([18])النَّارَ أَحَـــدٌ صَــلَّى قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ، وَقَبْلَ غُرُوبِهَـا».
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الثالث)«لَنْ يَلِجَ النَّارَ أَحَدٌ صَلَّى قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا».
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“لن يَلِجَ النارَ أحدٌ صلى قبل طلوع الشمس، وقبل غروبها”
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«لَنْ يَلجَ النَّارَ أَحَدٌ صلَّىٰ قَبْلَ طُلوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا» يَعْني الفَجْرَ وَالعَصْرَ.