«Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti ira jaallatamaa ta'an hin jiru» guyyoota kurnan jechuudha
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti ira jaallatamaa ta'an hin jiru» guyyoota kurnan jechuudha, yaa ergamaa Rabbii, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee moo? jedhani, isaanis ni jedhani: «Eeyyeen karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee, namicha lubbuu isaatii fi qabeenya isaatiin ba'ee sana keessaa homa tokkoon kan hin deebine yoo ta'e malee».
«ما مِنْ أيَّامٍ العمَلُ الصَّالِحُ فيها أحبُّ إلى اللهِ مِن هذه الأيام» يعني أيامَ العشر، قالوا: يا رسُولَ الله، ولا الجهادُ في سبيلِ الله؟ قال: «ولا الجهادُ في سبيلِ الله، إلا رجلٌ خَرَجَ بنفسِه ومالِه فلم يَرْجِعْ من ذلك بشيءٍ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurnan jalqabaa baatii zul hijjaa keessa hojjatamu guyyoota woggaa hunda keessatti kan hojjatamu akka caalu ibsani. sahaabonni -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- kurnan kanaan alatti qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuutu irra caala moo guyyoota kurneessituu kana keessatti hojii gaarii hojjatamuutu irra caala jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uun irra caalaa hojii ta'uun isaa isaan biratti ragga'aa waan tureef jecha. Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurneessituu kana keessatti hojjatamu guyyoota biroo keessatti karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irraa caala jechuun deebisaniif, namicha karaa Rabbii keessatti lubbuu isaatii fi qabeenya isaa aarsaa taasisuun qabsoof ba'ee, qabeenya isaa dhabee lubbuun isaas karaa Rabbii keessatti baate yoo ta'e malee. kana qofa kan hojii gaarii guuyyoota kurnan caaltuu taate kana kessatti hojjatamu caalu.
الجهاد: هو مقاتلة الكفار لإبلاغ دين الله تعالى للناس أو للدفاع عن الإسلام وأهله.
sadarkaa hojiin gaarii guyyoota kurnan zul hijjaa keessatti hojjatamu qabuudha, muslima irratti guyyoota kanatti fayyadamuu fi isa keessatti zikrii Rabbii, qur'aana qara'uu, Allaahu Akbar, laa ilaaha illallaah, Rabbiin faarsuu, salaata, sadaqaa, soomaa fi hunda hojii toltuu irraa ibaadaa heddummeessuutu irra jiraata.
Sahiiha Bukhaarii (2/ 20) (969).
Sunana Abbaa Daawuud (4/ 102) (2438).
Dabalata (12)
فتح الباري بشرح صحيح البخاري.
لابن حجر (2/ 459).
تطريز رياض الصالحين.
لفيصل آل المبارك (ص699).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (5/ 301).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمصطفى الخِن وغيره (1/ 884).
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (15/ 234).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 382).