«Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».
Abdullaah bin Busr irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii seerri Islaamaa natti baay'atee, kanaaf waanan bareechee isa qabadhu natti himi, isaanis ni jedhan:
«Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».
«لاَ يَزَالُ لِسَانُكَ رَطْبًا مِنْ ذِكْرِ اللَّهِ».
Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- baay'ina ibaadaa sunnaa irraa kan ka’een dadhabinni akka isa mudate himate, Ergasii Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hojii salphaa mindaa guddaa argamsiisutti akka isa qajeelchan gaafate. Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hundumaa fi haala hundumaatti arrabni isaa Rabbiin zakkaruu akka subhaanallaah, alhamdulillaah jechuu, du'aa'ii godhachuu fi kan kkf irraa akka hin deemne isa qajeelchan.
Sadarkaa yeroo hunda Rabbiin zakkaruun qabuudha.
Guddina tola Rabbii keessaa maloota mindaan ittiin argamu laaffisuudha.
Qooda isaan kheyrii irraa qaban ilaalchisee garaagarummaa gabroonni qabaniidha.
Yeroo baay’ee subhaanallaah, alhamdulillaah, Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar jechuu fi kan kana fakkaataniin qalbiin walsimsiisaa arrabaan Rabbi zakkaruu heddummeessuun sunnaalee hedduu akka bakka bu'uudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafattoota hunda waan isaan waliin deemuun deebii isaanif kennuun haala isaanii ilaalcha keessa akka galchaniidha.
Sunana Tarmizii (5/ 388) (3375).
Sunana Ibnu Maajaa (4/ 707) (3793).
Musnada Ahmad (29/ 226) (17680).
Dabalata (8)
جامع العلوم والحكم في شرح خمسين حديثا من جوامع الكلم.
لابن رجب الحنبلي (2/ 510).
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية.
لإسماعيل الأنصاري (ص104).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.
للنووي وابن رجب (ص154).
الأحاديث الأربعون النووية وعليها الشرح الموجز المفيد.
لعبد الله بن صالح المحسن (ص93).
Cited in books
4 BooksDabalata (4)
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنةيا رسول الله إن شرائع الإسلام قد كثرت عليَّ فأخبرني بشيءٍ أتشبث به. قال: "لا يزال لسانك رطباً من ذكر الله".
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلم«لَا يَزَالُ لِسَانُكَ رَطْبًا مِنْ ذِكْرِ اللَّهِ»[9]،
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«لايزالُ لسانُكَ رطباً من ذكر الله».
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «لَا يَزَالُ لِسَانُكَ رَطْبًا مِنْ ذِكْرِ اللَّهِ»