''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".
Abuu Muusaa al-ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".
«إِذَا مَرِضَ الْعَبْدُ أَوْ سَافَرَ كُتِبَ لَهُ مِثْلُ مَا كَانَ يَعْمَلُ مُقِيمًا صَحِيحًا».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbiitii fi rahamata Isaa irraa himan, dhugumatti muslimni yeroo fayyaa qabuu fi biyya isaa jiraatutti aadaa isaa irraa hojii gaarii kan hojjatu ta'ee eegasii sababaan yoo isatti argamee dhukkubsatee isa hojjachuu dadhabe yookaan isa irra imala ba'uun yoo qabame, yookaan sababa kamiinuu ta'u; dhugumatti mindaa guutuutu isaaf barreeffama, akkuma waan yoo haala fayyaa qabuu fi biyya isaa jiru hojjatetti.
Bal'ina tola Rabbii garboottan Isaa irratti.
Rabbiif kheyrii hojjachuu keessatti tattaaffii gochuu fi yeroo fayyaa qabanuu fi duwwaa ta'anitti yerootti fayyadamuutti kakaasuu.
Sahiiha Bukhaarii (4/ 57) (2996).
Dabalata (6)
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (1/ 36).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 211).
بهجة قلوب الأبرار وقرة عيون الأخيار في شرح جوامع الأخبار.
لعبد الرحمن السعدي (ص83).