Skip to content

«Ulaagaa hunda irra kan isin guutuu qabdan, ulaagaa ittiin qaama saalaa dubartii halaala taasifattani».

Uqbaa ibnu Aamir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Ulaagaa hunda irra kan isin guutuu qabdan, ulaagaa ittiin qaama saalaa dubartii halaala taasifattani».

«أَحَقُّ الشُّرُوطِ أَنْ تُوفُوا بِهِ مَا اسْتَحْلَلْتُمْ بِهِ الْفُرُوجَ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaa hunda irra kan isa guutuun barbaachisu, inni isa dubartiitti qanani'uun haalaala ta'uu keessatti sababaa ta'e ta'uu ibsan, innis ulaagaa eeyyamamaa ta'e kan haati manaa yeroo nikaan hidhamu gaafattuudha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Ulaagaa abbaan manaa fi haati manaa irratti wolii isaaniitiif walii galan guutuun dirqama ta'uu isaa, yoo ulaagaa halaala harramse yookaan haraama hallalche ta'e malee.

Ulaagaa nikaa guutuun kan biraa irra dirqamummaan isaa jabaadha; qaama saalaa dubartii halaalfachuuf kan seename waan ta'eef jecha.

Bakki bultiin qabu islaamummaa keessatti jabaa ta'uu isaa, ulaagaan isaa akka guutamuuf waan gadi jabeesseef jecha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (3/ 190) (2721).

Sahiiha Muslim (2/ 1035) (1418).

Dabalata (4)

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (2/ 63).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص573).