Skip to content

«Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha».

Samuraa ibnu jundubii fi Mughiiraa ibnu Shu'ubaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhani: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha».

«مَنْ حَدَّثَ عَنِّي بِحَدِيثٍ يُرَى أَنَّهُ كَذِبٌ، فَهُوَ أَحَدُ الْكَاذِبِينَ».

Muslimtu muqaddimaa isaa keessatti gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni osoo beekuu yookaan shakkuu yookaan shakkii isaa irra guddaan isaan irratti akka sobame osoo beekuu nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa dabrse; namni isa odeesse soba kana isa eegalee woliin akka qooddatu himaniiru.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Hadiisa nabiyyii irraa odeeffame -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo isa hin dabrsin dura sirrii ta'uu isaa mirkaneeffachuu fi adda baafachuun barbaachisaa ta'uudha.

Sobni kan hirkifamu nama isa kalaqee fi gidduu namootaatti daddabarsee nama isa facaasetti.

Hadiisa sobaan kalaqame ta'uu nama beeke irratti isa odeessuun haraama ta'a, yookaan sobaan kan kalaqame ta'uu shakkii isaa irra guddaadhaan yoo bare isa odeessuun haraama irratti ta'a, isa irraa akeekkachiisuuf yoo ta'e malee.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 8).