Skip to content

«Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru».

Abuu Umaamaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

«Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru».

«مَنْ قَرَأَ آيَةَ الْكُرْسِيِّ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ مَكْتُوبَةٍ لَمْ يَمْنَعْهُ مِنْ دُخُولِ الْجَنَّةِ إِلَّا أَنْ يَمُوتَ».

Nasaa'iitu Kubraa keessatti gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni eega salaata waajibaa xumuree Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti jannata seenuu isa dhorgu akka hin jirre himaniiru, isheenis suuraa baqaraa keessatti kan argamtu yoo tahu, jecha Rabbii ol tahee kana: {Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha}. [Baqaraa: 255].

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa Aayanni guddoon tun qabduudha; Sababaa maqoolee babbareedoo fi amaloota ol’aanoo of keessatti qabatteef jecha.

Salaata dirqamaa hunda boodatti Aayata guddoo tana qara’uun jaalatamaa tahuudha.

Hojiin gaariin Jannata seenuuf sababaa akka taheedha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan
Dabalata (7)

المعجم الكبير.

للطبراني السنن الكبرى.

للنسائي (9/ 44) (9848).

توضِيحُ الأحكَامِ مِن بُلوُغ المَرَام.

للبسام (2/ 313).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (3/ 197).