Skip to content

«Irra caalaan keessan nama Qur'aana baratee barsiise».

Usmaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha a buusu- ni jedhani:

«Irra caalaan keessan nama Qur'aana baratee barsiise».

«خَيْرُكُمْ مَنْ تَعَلَّمَ الْقُرْآنَ وَعَلَّمَهُ».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra caalaan muslimootaa fi Rabbiin biratti sadarkaan isaan olaanaa: qaraatiin, hifziin, tajwiidaan qara'uun, isa hubachuu fi hiikkaa isaa woliin nama Qur'aana baratee waan ofii barate immoo kan nama biraa barsiise akka ta'e himani.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa Qur'aanaa ibsuutu keessa jira, inni irra caalaa haasawaati; haasawa Rabbii waan ta'eef jecha.

irra caalaan worra baratuu nama nama biraa barsiisu malee nama lubbuu ofii irratti gabaabbatuu miti.

Qur'aana baratanii barsiisuun qiraatii, hiikkaa fi murtoo isaa wolitti qabata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (6/ 192) (5027).

Dabalata (8)

فتح الباري شرح صحيح البخاري.

لابن حجر العسقلاني (1/ 374).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 226).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخن وغيره (1/ 740).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (4/ 638).