Skip to content

«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».

«مَنْ قَالَ: سُبْحَانَ اللهِ وَبِحَمْدِهِ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، حُطَّتْ خَطَايَاهُ وَإِنْ كَانَتْ مِثْلَ زَبَدِ الْبَحْرِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni guyyaa tokko keessatti yeroo dhibba tokko «Subhaan Allaah Wobihamdih» jedhe, badiin isaa isa irraa haqamtee akka isaaf dhiifamtu himani, osoma akka oomacha adii yeroo guuboon ka'u bahra irratti ol ta'uutti yoo heddummaatellee.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Mindaan kun nama guyyaa tokko keessatti itti fufiinsaanis ta'ee yookaan adda babaasee jedheef argama.

Tasbiiha jechuun: inni hirdhina irraa Rabbiin qulqulleessuudha, Hamdiin(Faaruun): jaallachuu fi isa guddisuu woliin guutummaan isa ibsuudha.

Hadiisichaan kan itti fedhame badii xixiqqoo haquudha, badiin gurguddoon immoo tawbaan isheef dirqama.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 86) (6405).

Sahiiha Muslim (4/ 2071) (2691).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 535).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 401).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 470).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 704).