60 : 13
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَتَوَلَّوۡاْ قَوۡمًا غَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡ قَدۡ يَئِسُواْ مِنَ ٱلۡأٓخِرَةِ كَمَا يَئِسَ ٱلۡكُفَّارُ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡقُبُورِ
Yaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaa. Akkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa dhugumatti abdii murataniiru.