6 : 37
وَقَالُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٞ مِّن رَّبِّهِۦۚ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يُنَزِّلَ ءَايَةٗ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
"Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?" jedhu. "Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha" jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.