Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

39 of 559 cards

Clear filters
«Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
"Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi".
Hasani Abuu Daawudii fi Ahmadtu gabaasani
''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.
Hasani Abuu Daawuudtu gabaase
"Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi".
Hasani Ahmadtu gabaase
Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha.
Hasani Abuu Daawuudtu gabaase
Yeroo Aayaan tun buute: {Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan} [Attakaasur: 8] Azzubeyr akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii qananii kam irraa gaafatamna, gurraacha lamaan , timiraa fi bishaan qofaa? isaanis ni jedhan: "Inni ni ta'a".
Hasani Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
"Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa".
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani