Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

79 of 559 cards

Clear filters
"Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
"Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
Sahiiha Tirmiziitu gabaase