Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

79 of 559 cards

Clear filters
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
"Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaatee, eegasii Rabbiin irraa araaama barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Abuu Bakarii fi Umariin ilaalchisee akkana jedhan: «Isaan lamaan kun sayyidoota giddu galeessa warra jannataati, warra duraati boodaa irraa, Nabiyyoota fi Ergamtoonni osoo hafanii».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Sahiiha Abuu Daawuudii fi Tirmiziitu gabaasani