Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

61 of 559 cards

Clear filters
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
"Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
Gaafa tokko booda Ergamaa Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ture, ni jedhani: "Yaa gurbaa!, ani jechoota wahiitin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki! ummanni guutuun waan tokkoon si fayyaduuf jecha osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif barreesseen malee homaa woma tokkoon si fayyaduu hin danda'anu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf jecha osoo walitti qabamani, waan Rabbiin sila sirratti barreesseen malee homaa woma tokkoon si miidhuu hin danda'anu, qalamiiwwan kaafamte, barruuleen gogde".
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
«Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini».
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani
«Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa».
Sahiiha Tirmiziitu gabaase
«Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa sanaa irratti dallaa lamaatu jira, isaan lameen keessatti ulaalee babbanamootu jiru, ulaalewwan sunneen irra girdoo gadi dhiifamteetu jira, ulaa karaa irra immoo lallabaa yaa ilma namaa, hundi keessanuu karaatti seenaa asiif achi hin jallatinaa jedhuutu jira, akkasuma karaa gara gubbaatiin immoo waamaa tokkotu jira, yeroo namni wohii ulaalewwan sunneen keessaa tokko banuu fedhetti, of eeggadhu akka isa hin banne, yoo kan isa bantu taate ni seenta jedhaan, karichi islaama, dallaan lameen immoo daangaa Rabbiiti, ulaalewwan babbanamoon immoo dhoorgaa Rabbiiti, lallabaan mataa karaa irraa sun immoo: kitaaba Rabbiiti, lallabaan karaa gara gubbaa irraa immoo: gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jiruudha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani