Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

18 of 559 cards

Clear filters
Warra najdii keessaa namichi mataan isaa faaggaa ta'e tokko gara Ergamaa Rabbitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dhufe, nuti sagalee isaa dhageenya malee waan inni jedhu hin beeknu, hanga Ergamaa Rabbitti -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- dhihaatutti, yeroma san inni waa’ee Islaamaa gaafata. Ergamaan Rabiittis -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Guyyaa fi halkan keessatti salaata shani», innis akkas jedheen: kana malee kan biraa narra jiraa? «lakkii, yoo salaata sunnaa salaatte malee, Ji'a Ramadaanaa soomuudha», namichis ni jedhe: kan malee kan biraa narra jiraa? isaanis ni jedhan: «Lakkii, yoo sooma sunnaa soomte malee», Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- zakaa baasus isaaf dubbannaan, innis akkas jedhe: kana malee kan biraa narra jiraa? isaanis ni jedhan: «Lakkii, yoo waan dabalataa kennite malee», ni jedhe: Namichi eegasii akkas jechaa deeme: Rabbiin kakadhee, kana irratti homaa hin dabalu, irraahis hin hir'isu, Ergamaan Rabbiis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Yoo dhugaa dubbate milkaa'e».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namoonni warra shirkii irraa ta'an tokko, dhugumatti kan ajjeesanii ajjeechaa baay'isanii fi heddumminaan kan zinaa raawwatan ta'an, sana booda gara Nabi Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufanii akkas jedhaniin: Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee, Aayaan Qur'aanaa tun ni buute: {(gabroonni Rabbii ammas) Warra Rabbiin wajjin gabbaramaa biraa hin waamanne, akkasumas warra lubbuu Rabbiin ajjeechaa isii haraama taasise haqaan maletti hin ajjeesne fi warra sagaagalummaa hin raawwanneedha} [Furqaan: 68], Aayaan biraas ni buute: {Jedhi: Yaa gabroota kiyya kan ofirratti daangaa dabritan, rahmata Rabbi irraa abdii hin kutatinaa} [Zumar: 53]
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Inni Ergamaa Rabbiitiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhe: Nama kaafiroota irraa ta'e wahii yoon qunnamee, harka koo tokko seyfiidhaan na rukutee narraa ishee kute, eegasii mukatti na jalaa baqatee Rabbiif asallame jedhee, eega inni akkas jedhee isa nan ajjeesaa yaa ergamaa Rabbii mee naaf himi? Ergamaan Rabbitis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin» innis ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, inni harka koo tokko narraa kutee, eega ishee kutee akkas jedhee bar? Ergamaan Rabbiis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan