Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

25 of 559 cards

Clear filters
Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Aliyyii ibnu Abii Xaalib akkas naan jedhe: waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe: "Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.
Sahiiha Muslimtu gabaase
Tuutni namootaa takka gara Ergamaa Rabbiitti dhufanii, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, nama sagal ahdii godhanii, nama tokko dhiisanii jennaan, isaanis akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii nama sagal ahdii gootee isa kan dhiistee? Isaanis akkana jedhan: “inni qaxxasa/asmaa qaba”, isaan akkas jennaan namichi harka isaa keessa galchee ishee kute, sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- isa ahdii godhanii, akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”.
Hasani Ahmadtu gabaase
“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan