Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

39 of 559 cards

Clear filters
"Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama, kaafirri immoo toltuuwwan Rabbiif jecha hojjateen duuniyaatti nyaachifama, yeroo gara aakhiraatti ce'etti, toltuun isiidhaan mindeeffamu isaaf hin jiru".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuse, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitaabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhanna, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaatu gabaasani
"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra harka jahaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname» eegasii quba isaanii abbudduu fi kan itti aantee jirtuun geengessanii agarsiisani, zaynab bintu jahsh akkana jette: yaa ergamaa Rabbii: osoo worri gaggaariin nu keessa jiruu dhabamnaa? isaanis ni jedhani: «eeyyen badiin yoo heddummaate».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama, eegasii guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti dhiiga itite ta'a, eegasii ammas guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti foon cittuu ta'a, eegasii malaaykaan gara isaatti ergamee, jechoota afuritti ajajama, rizqii isaa, beellama du'a isaa, hojii isaa fi hoonga'aa yookaan milkaa'aa ta'uu isaa barreessa, eegasii lubbuu isatti afuufa, dhugumatti tokkoon keessan hanga isaafi jannata gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra jannataa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra ibidda hojjatee ibidda seena. akkasuma dhugumatti tokkoon keessan hanga isaa fi ibidda gidduutti dhundhuma tokko malee hin hafnetti hojii worra ibiddaa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra jannataa hojjatee jannata seena».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan