عربي - Arabic English Qafár af - Afar Afrikaans - Afrikanns Akan Shqip - Albanian አማርኛ - Amharic Հայերեն - Armenian অসমীয়া - Assamese Azərbaycanca - Azerbaijani Bamanankan - Bambara Bassa Bemba বাংলা - Bengali Bosanski - Bosnian Български - Bulgarian မြန်မာဘာသာ - Burmese Bisaya - Cebuano Cham Нохчий - Chechen chiCheŵa - Chewa 中文 - Chinese Адыгэбзэ - Circassian Hrvatski - Croatian Česky - Czech Dagbani Dansk - Danish فارسی دری - Dari Dendi ދިވެހި ބަސް - Dhivehi Nederlands - Dutch إستوني - Estonian Suomi - Finnish Français - French Fulfulde - Fula ქართული - Georgian Deutsch - German Ελληνικά - Greek ગુજરાતી - Gujrati Kreyòl ayisyen - Haitian Creole Hausa हिन्दी - Hindi Magyar - Hungarian Igbo Indonesia - Indonesian Italiano - Italian 日本語 - Japanese Jóola - Jola ಕನ್ನಡ - Kannada Қазақша - Kazakh ភាសាខ្មែរ - Khmer Kikuyu Ikinyarwanda - Kinyarwanda Ikirundi - Kirundi 한국어 - Korean كوردی سۆرانی - kurdish كوردي kurmancî - Kurmanji Kyrgyz ລາວ - Lao latviešu - Latvian Lingala lietuvių - Lithuanian Luganda Македонски - Macedonian Maguindanaon Malagasy - Malagasy Bahasa Melayu - Malay മലയാളം - Malayalam Mandinka मराठी - Marathi Mõõré - Moore नेपाली - Nepali أنكو - NKo Norwegian ଓଡ଼ିଆ - Odia oromoo - Oromo پښتو - Pashto فارسی - Persian Polski - Polish Portuguese ਪੰਜਾਬੀ - Punjabi Română - Romanian Русский - Russian Српски - Serbian Shona සිංහල - Sinhala Slovenščina - Slovenian Soomaaliga - Somali Soninke Sesotho - Sotho Español - Spanish Kiswahili - Swahili Svenska - Swedish Tagalog Тоҷикӣ - Tajik தமிழ் - Tamil తెలుగు - Telugu ไทย - Thai ትግረኛ - Tigrinya Türkçe - Turkish Ukrainian اردو - Urdu ئۇيغۇرچە - Uyghur Ўзбек - Uzbek Việt Nam - Vietnamese Wolof Yao Yorùbá - Yoruba Zarma زولو - Zulu
559 Hadiths
Encyclopedia of Prophetic Hadiths
Categories
Grading
Narrated in
Narrator
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhagayuu fi ajajamuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus, dhimma tokkollee warra dhimmichaa waliin wal falmuu dhiisuuf , akkasumas bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuuf, Allaahif jennee, komii komataa sodaatuu dhabuuf amanamummaan waadaa seenneerra.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira, guyyaa aduun baatu hundatti nama lama walitti araarsuun sadaqaadha, nama tokko yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gargaaruun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin inni gara salaatatti godhu hundi sadaqaadha, wantoota miidhaa geessisan karaa irraa deemsisuun sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta'e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Gaafa Abuu Xaalibitti duuti dhufte Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gara isaatti dhufanii isa biratti Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyah bin Al-Mughiirah argan, eegasii akkana jedhaniin: "Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi", Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Umayyaas akkas jedhaniin: Karaa Abdul muxxalib irraa of duuba deeb'uu barbaaddaa? Ergamaanis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu jecha sana isa irra fiduu irraa hin deemne, isaanis akkas jechuu deddeebisuu hin dhiifne, hanga Abuu xaalib jecha xumurarratti isaan dubbise keessatti akkana jedhuutti: Ani karaa Abdul muxxalib irra jira, Laa ilaaha illallaah jechuu ni dide, ni jedhe (Al-musayyib): Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkas jedhaniin: "Rabbiin kakadhee hangan sirraa hin dhoorgaminitti araarama siif kadhadha", eegasii Rabbiin aayaa akkas jedhu buuse: {Mushrikootaaf araarama kadhachuun Nabiyyii fi warra amananiif hin malu} [Tawbaa: 113], Waa’ee Abuu xaalib keessatti Rabbiin aayaa buusuun Ergamaa Isaatiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhe: {Ati Nama jaallattu hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [Qasas 56].
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha».
Sahiiha Bukhaarii fi Muslimtu gabaase
"Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti. Eegasii warri jalaa bishaan yeroo barbaadan warra isaan gubbaa jiran irra darbanii waan waraabbataniif jecha ni jedhan: warra nu gubbaa osoo miidhuu baannee, qooduma keenya kana keessan qaawa baafannee, yoo jarri kuun jara kanaa fi waan isaan barbaadan itti dhiisan hundi isaanituu ni halaakaman, yoo harka isaanii qaban immoo isaan kun nagaa bahanii, isaan hundinuu nagaa bahu".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase