Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

62 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki: ummanni hundi waan tokkoon si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabeen malee waan tokkooniyyuu si hin fayyadanu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan sila Rabbiin sitti barreesseen malee waan tokkooniyyuu si hin miidhanu, qalamoonni kaafaman, kitaabonnis qooran».
Sahiiha Tirmizii fi kan birootu gabaase
osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafate, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga”, Umar akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, ergan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan kakuu kana irraa dhoorgan dhagahee beekes ta'ee nama irraa himus ta'ee ittiin kakadhee hin beeku.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbii Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a, ni jedha: «Eenyu kan na kadhatu isaafan owwaadha? eenyu kan na gaafatu isaafan kenna? eenyu kan araarama narra barbaadu isaafan araarama?».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan