Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

16 of 559 cards

Clear filters
“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa namoonni wohii dhufanii akkas jechuun isaan gaafatan: nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: Rabbiin ol tahe ni jedhe: Nama jaalallee koo diineffate, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne, Gabrichi koo hangan isa jaalladhutti sunnaa raawwachuudhaan Natti dhihaachuu irraa hin deemu, yoon isa jaaladhe, ani dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan ittiin qabatu, miila isaa kan ittiin deemu isaaf ta'a, yoo na kadhate isaaf kenna, yoo inni natti maganfate isa nan tiksa, Lubbuu nama mu'uminaa fuufhuu irraa akka duubatti deebi'etti waanan hojjedhu tokko irraa duubatti deebi'ee hin beeku, inni du'a jibba, ani immoo isa hammeessuu jibba".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, Gabrichi koo sunnaa hojjachuun natti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hangan isa jaalladhutti. yoon isa jaaladhe immoo, dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan inni ittiin qabatuu fi miila isaa kan inni ittiin deemun isaaf ta'a, (qaama isaa hamturraa isa tiiysa jechuudha) yoo na kadhate isaafin kenna, yoo natti maganfates isan tiksa».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase