Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

57 of 559 cards

Clear filters
Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii ol ta'e irraa odeessaniin keessatti Rabbiin akkas jedhe: "Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, gidduu keessanittis isa haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa, yaa gabroottan koo! hundi keessanuu jaallataadha nama ani isa qajeelche malee, qajeeluma narra barbaadaa isinin qajeelchaa, yaa gabroottan koo! nama ani nyaachise malee hundumti keessanuu beela'aadha, nyaachisa narra barbaadaa isinini nyaachisaatii, yaa gabroottan koo! hundumtu keessanuu qullaadha nama ani offise malee, uffisa narra barbaadaa isinin uffisaatii, yaa gabroottan koo! isiin halkanii fi guyyaa keesatti ni dogongortani ani immoo badii hundan dhiisa waan ta'eef dhiifama narra barbaadaa isiniifan dhiisaatii, yaa gabroottan koo! isin na miidhuutti geessanii na miidhuu hin dandeessanu, akkasumas na fayyaduutti geessanii na fayyaduu hin dandeessanu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irratti homaa hin dabalu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra cubbamaa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irraa homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan dirree tokko irra dhaabatanii na gaafatanii jennaan nama hundaafuu waan gaaffii isaa isaaf kennee sun waan na bira jiru irraa hanga lilmeen bahra yeroo buute hir'istu malee homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! isiin tun hojiidhuma keessan qofa isiidhuman isiniif lakkaa'aa, eegasii isiidhuman mindaa isiniif galcha, kanaafuu namni toltuu arge Rabbiin haa galatoomfatu, waan sanaan alaa namni arge lubbuu isaa malee hin komatin)
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani.
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe: "Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ergamtoota wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa dalagaa gaaris dalagaa, dhugumatti ani waan isin hojjettan hunda beekaadha} [Al-Mu'uminuun: 51]. ammas akkas jedhe: {Yaa warra amantan wantoota gaggaarii nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} [Al-Baqaraa: 172]. Eegasii namicha imala dheeressu kan mataan isaa faaggaa dhukkeen itti baay'atu tokko dubbatan, harka isaa gara samiitti ol qabee Yaa Rabbi, Yaa Rabbi jedha, nyaanni isaa haraama, dhugaatin isaa haraama, uffanni isaas haraama, haraamaanis guddate, akkamitti isaaf awwaatama?».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan