Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

131 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (61)
أبو سعيد الخدري2 أبو قتادة2 النعمان بن بشير2 عبد الله بن بسر2 أبو أمامة1 أبو أمامة الباهلي1 أبو أيوب1 أبو أيوب الأنصاري1 أبو بكرة1 أبو حمزة أنس بن مالك1 أبو سعيد الخدري قال1 أبو سعيد الخدري وعن أبي هريرة1 أبو عبد الرحمن السلمي رحمه الله قال1 أبو عبد الله النعمان بن بشير1 أبو مسعود1 أبو مسعود الأنصاري1 أبو مسعود عقبة بن عمرو الأنصاري البدري1 أبو موسى1 أبو هريرة قال1 أبو يعلى شداد بن أوس1 ‌أبي بن كعب1 ‌أبي هريرة1 المغيرة1 المقدام بن معدي كرب1 النواس بن سمعان1 النواس بن سمعان الأنصاري1 ثوبان1 جبير بن مطعم1 جرير1 جرير بن عبد الله1 حذيفة1 خريم بن فاتك1 خولة الأنصارية1 سعد بن أبي وقاص1 سلمة بن الأكوع1 سليمان بن صرد1 سمرة بن جندب والمغيرة بن شعبة1 شداد بن أوس1 ‌عائشة1 عبد الرحمن بن أبي ليلى قال1 عبد الله بن سلام1 عبد الله بن عباس1 عبد الله بن عمرو بن العاص1 ‌عبد الله بن عمرو بن العاص1 عثمان بن أبي العاص1 عقبة بن عامر1 عقبة بن عامر الجهني1 عمر1 عمر بن أبي سلمة1 معاذ بن جبل1 معاوية1
“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee akkas jedheen: Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta" namichis akkas jedhe: Isa lubbuun kiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhee kana irratti homaa hin dabalu, sana booda yeroo namichi deemuuf achi garagale Nabiyyiin -nagaa fi rahmanii isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: "Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha kanaa haa ilaaluu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban.
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namna Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii isa hubachiisa, ani qodaadha, Rabbi ni kenna, ummanni kun ajaja Rabbii irratti gadi dhaabbachuu irraa hin deeman, namni isaan faallesse isaan hin miidhu, hanga ajajni Rabbii dhufutti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunname, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi, akkasumas lafti ishee diriiraa walqixxaa'e akka ta'ee fi biqiltuun ishee Subhaanallaah walhamdulillaah walaa ilaaha Illallaah wallaahu Akbar jechuu akka ta'e itti himi».
Hasani ragaalee isaatiin Tirmiziitu gabaase