Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

124 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (59)
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Umariin bira turre, akkas jedhe: «Of dirquu irraa dhoorgamnee jirra».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Sahaaboota nabiyyii irraa -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni wohii nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yaa ergamaa Rabbii, abbootiin qabeenyaa mindaadhaan nu dursanii deemaniiru, akkuma nu salaannutti salaatu, akkuma nu soomnutti soomu, haftee qabeenya isaanii immoo ni sadaqatu, nabiyyiinis akkas jedhani: "sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha", isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, tokkoon keenya fedhii isaa baafatee isa keessa mindaan isaaf jiraataa?, isaanis ni jedhani: "mee ilaalaa osoo haraama keessa kaa'ee jiraatee silaa badiitu isa irra jiraataa mitii? akkasuma halaala keessa yeroo kaa'es mindaan isaaf ta'a".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe ilmaan Ismaa'il irraa akka nama lubbuu afur bilisa baaseeti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan