Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

23 of 559 cards

Clear filters
"Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii".
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaana irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".
Sahiiha Tirmizii fi Ibnu Maajaatu gabaasani
«Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».
Hasani Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru".
Hasani Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
(Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu).
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani