Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

60 of 559 cards

Clear filters
«Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
"Toltuun hunduu sadaqaadha".
Sahiiha Bukhaariin Hadiisa Jaabir irraa, Muslim immoo Hadiisa Huzayfaa irraa gabaasan
"Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Akkana jedheetiin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafadhe: Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha" ni jedhe (ibnu mas'uud): Waa’ee isaanii natti himan, osoon dabalataan isaan gaafadhee silaa naaf dabalu ture.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan