Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

17 of 559 cards

Clear filters
«Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu, salaanni ifa, sadaqaan ragaadha, obsi ifaa guddaadha, Qur'aanni ragaa siif ta'a yookaan ragaa sirratti ta'a, namni hunduu ganamaan bobba'ee, lubbuu isaa gurgura, kan isii bilisoomsu yookaan kan isii balleessu ta'a».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irraa haa jiraatu- waliin Makkaa irraa gara Madiinaa deebinee, yeroma bishaan wahii kan karaa irra jiru bira geenne namoonni yeroo Asrii irratti salaatuf sardamanii, haala sardaminsa keessa jiraniin wuduu'a ni godhatan, bishaan ishee tuquu dhabuu irraa kan ka'een haala koomeen isaanii iftuun isaan bira geenne, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni Isaan irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Humraan bilsoomfamaa Usmaan bin Affaan Usmaan argee akka himetti: Usmaan bin Affaan bishaan wuduu'aa waammatee, meeshaa isaa irraa harka isaa lamaan irratti dhangalaasee, yeroo sadii isaan lamaan dhiqate, egasii harka mirgaa bishaan keessa galchee, egasii lulluuqqatee funyaanitti ol fudhatee gad deebise, eegasii fuula isaa yeroo sadii dhiqate, harka isaa lameenis ciqilee waliin yeroo sadii dhiqate, egasii mataa isaa haxaawwate, egasii hunda luka isaa yeroo sadii dhiqatee, egasii akkana jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wuduu'a akka an itti raawwachaa ture kanatti raawwatanii, itti aansuun akkana jedhanin arge: “Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokkoo hanga muddii shaniitiin dhiqu yookaan dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate.
sahiiha ragaalee isaatiin Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Amrii bin Abii Hasanitti nan dhufe haala inni wuduu’a Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Abdullaah bin Zeydii gaafatuun, dabbaa bishaanii tokko waammateeti, wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- godhatee isaan agarsiise, dabbaa sana irraa bishaan harka isaa irratti dhangalaasee, harka isaa lameen yeroo sadii dhiqe, eegasii harka isaa dabbicha keessa galchee, bishaan hammaarrii sadii hammaarrachuun afaan lulluuqqatee funyaan keessa bishaan ol galchee baase, eegasii bishaan fudhachuun fuula isaa yeroo sadii dhiqate, eegasii harka isaa lameen ciqileen waliin yeroo lama dhiqate, eegasii bishaan fudhachuun mataa isaa harka isaa lameenin qabee gara fuul duraa irraa gara duubatti oofee eegasii gara fuul duratti as deebisuun yeroo tokko qofa haxaa'e, eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan