Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

99 of 559 cards

Clear filters
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yaa jama'aa dubartoota sadaqaa kennadhaa, ani irra caalaan namoota ibiddaa ta'uun isin arge» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii! maalini? isaanis ni jedhan: «isin abaarsa baay'ifu, abbaa warraa keessaniif galata hin qabdan, nama hanqina sammuu fi amantii osoo qabuu onnee ilma dhiiraa kutataa booj'u kan akka keessanii hin argine» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii, maali hanqinni amantii fi sammuu keenyaa? Isaanis akkana jedhan: ragaan dubartii tokkaa akka walakkaa ragaa dhiira tokkoo hin taanee?» ni jedhan: Eeyyee, ni isaanis ni jedhan: suni eegaa hanqina sammuun isheeti, yoo laguu qabaatte hin salaattu, hin soomtu mitii?» ni jedhan: Eeyyee, suni ammoo hir'ina amantii isheeti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan