Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

67 of 559 cards

Clear filters
«Booda kootii dhiirota irratti qormaata miidhaa ta'e kan akka dubartootaa hin dhiifne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
"Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha, rifeensi mata isaanii akka dalluu gaalaa kan dabeeti, jannata hin seenan, urgaa isiis hin argan, urgaan isii deemsa fageenya karaa akkasii fi akkasii irraa kan argamu ta'uu waliin".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Tokkoon keessan hinamanu hanga fedhiin isaa waan ani ittiin dhufe (islaamummaa) hordofutti».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa sahiiha Kitaaba Hujjaa keessatti sanada sahiiha taheen isa gabaasneerra
"Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa sanaa irratti dallaa lamaatu jira, isaan lameen keessatti ulaalee babbanamootu jiru, ulaalewwan sunneen irra girdoo gadi dhiifamteetu jira, ulaa karaa irra immoo lallabaa yaa ilma namaa, hundi keessanuu karaatti seenaa asiif achi hin jallatinaa jedhuutu jira, akkasuma karaa gara gubbaatiin immoo waamaa tokkotu jira, yeroo namni wohii ulaalewwan sunneen keessaa tokko banuu fedhetti, of eeggadhu akka isa hin banne, yoo kan isa bantu taate ni seenta jedhaan, karichi islaama, dallaan lameen immoo daangaa Rabbiiti, ulaalewwan babbanamoon immoo dhoorgaa Rabbiiti, lallabaan mataa karaa irraa sun immoo: kitaaba Rabbiiti, lallabaan karaa gara gubbaa irraa immoo: gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jiruudha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi», nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii, sii fi waan ati ittiin dhuftetti amannee jirra, nurratti ni sodaattaa? isaanis ni jedhani: «eeyyeen, qalbiin quboowwan Rabbii keessaa quba lameen gidduutti argamti akka fedhe isii garaggaggalcha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
"Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee, badii hojjatanii muldhisuu keessaa namni tokko halkan hojii wahii hojjatee, eegasii dhugumatti Rabbiin haala badii sana isaaf dhokseen isaaf kan bari'u yoo ta'u, eegasii akkana jechuu isaati: Yaa ebalu, eda halkan waan akkanaa waan akkasiitiin hojjedhe, dhugumatti Rabbiin isaa isaaf dhoksee haala buleen, girdoo Rabbiin isa irra kaaye sana ofirraa kaasee bari'aaf".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan