Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

62 of 559 cards

Clear filters
«Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu, salaanni ifa, sadaqaan ragaadha, obsi ifaa guddaadha, Qur'aanni ragaa siif ta'a yookaan ragaa sirratti ta'a, namni hunduu ganamaan bobba'ee, lubbuu isaa gurgura, kan isii bilisoomsu yookaan kan isii balleessu ta'a».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu isa gabaasani
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa, akkasumas waltajjiitti ittiin filatamuuf jechas hin baratinaa, namni sana hojjate ibiddatu isaaf jira, ibiddatu isaaf jira».
Sahiiha Ibnu Maajaatu gabaase
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii? isaanis akkas jedhan: Fuula keenna nu hin ibsinee, jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa na hin baafnee? ni jedha: Eegasii (Rabbiin) girdoo ni saaqa, Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimii fi Ahmadtu gabaasan