Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

105 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (53)
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Hasani Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha, rifeensi mata isaanii akka dalluu gaalaa kan dabeeti, jannata hin seenan, urgaa isiis hin argan, urgaan isii deemsa fageenya karaa akkasii fi akkasii irraa kan argamu ta'uu waliin".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini».
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani
«Tokkoon keessan hinamanu hanga fedhiin isaa waan ani ittiin dhufe (islaamummaa) hordofutti».
Nawawiin akkana jedhe: Hadiisa sahiiha Kitaaba Hujjaa keessatti sanada sahiiha taheen isa gabaasneerra
"Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaatillaahi attaammaati Min sharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe, qarqara lameen karaa sanaa irratti dallaa lamaatu jira, isaan lameen keessatti ulaalee babbanamootu jiru, ulaalewwan sunneen irra girdoo gadi dhiifamteetu jira, ulaa karaa irra immoo lallabaa yaa ilma namaa, hundi keessanuu karaatti seenaa asiif achi hin jallatinaa jedhuutu jira, akkasuma karaa gara gubbaatiin immoo waamaa tokkotu jira, yeroo namni wohii ulaalewwan sunneen keessaa tokko banuu fedhetti, of eeggadhu akka isa hin banne, yoo kan isa bantu taate ni seenta jedhaan, karichi islaama, dallaan lameen immoo daangaa Rabbiiti, ulaalewwan babbanamoon immoo dhoorgaa Rabbiiti, lallabaan mataa karaa irraa sun immoo: kitaaba Rabbiiti, lallabaan karaa gara gubbaa irraa immoo: gorsaa Rabbii kan qalbii muslima hundaa keessa jiruudha».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani