Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

73 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan:
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze: rak'aa lama zuhrii dura, lama ammoo isii booda, rak'aa lama maghriiba booda mana ofiititti, rak'aa lama ishaa'ii booda mana ofititti rak'aa lamaa fi subhii dura rak'aa lama, Sa'aatii Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin seenamne turte, mu'azzinni yeroo azaanee fajriin bahe rak’aa lama akka salaatan Hafsaan natti himte. gabaasa biroo keessatti: Rasuulli -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jum’aa booda rak’aa lama kan salaatan ta'an.
Sahiiha Gabaasaalee isaa hundaan ittiwaliigalamaadha.
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".
Sahiiha Abuu Daawuudtu gabaase
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”.
Sahiiha Muslimtu gabaase
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14].”
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti, namni sa'aatii lamatti deeme, akka waan sa'a saddaqateeti, namni sa'aati sadi'itti deeme akka waan hoolaa gaafa qabu saddaqateeti, namni sa'aati afuritti deeme, akka waan lukkuu sadaqateeti, namni sa'aatii shanitti deeme, akka waan killee saddaqateeti, imaamni (khuxbaaf) yeroo ba'etti malaaykaan zikrii(khuxbaa) dhaggeeffachuuf jecha argamu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Usmaan bin Affaan masjiida ijaaruu barbaade, garuu namoonni sana jibbanii, akkuma jirutti akka isa dhiisu jaallatan, ni jedhe: Ani Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhaga'e: "Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan