Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

43 of 559 cards

Clear filters
«Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”. ​
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: «Ghufraanaka» jechuunis: ararama keen barbaada, jechuudha.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
"Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii. salaanni ifa akka ji'aati, sadaqaan immoo ragaadha, obsi ifa akka aduuti, qur'aanni siif ragaadha yookaan sirratti ragaadha, hundi namaatuu ganamaan bobba'uun lubbuu isaa gurgura, isii bilisoomsa yookaan isii balleessa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Yeroo sareen meeshaa tokkoo keessanii keessaa dhugdetti si'a torba isa haa dhiqu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan