«Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a, ni jedha: «Eenyu kan na kadhatu isaafan owwaadha? eenyu kan na gaafatu isaafan kenna? eenyu kan araarama narra barbaadu isaafan araarama?».
«يَنْزِلُ رَبُّنَا تَبَارَكَ وَتَعَالَى كُلَّ لَيْلَةٍ إِلَى السَّمَاءِ الدُّنْيَا حِينَ يَبْقَى ثُلُثُ اللَّيْلِ الْآخِرُ، يَقُولُ: «مَنْ يَدْعُونِي فَأَسْتَجِيبَ لَهُ؟ مَنْ يَسْأَلُنِي فَأُعْطِيَهُ؟ مَنْ يَسْتَغْفِرُنِي فَأَغْفِرَ لَهُ؟».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ibsani: Rabbiin -guddatee ol ta'e- halkan hundaa yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'uun, gabroottan isaa isa kadhachuutti kakaasa, inni nama isa kadhateef ni owwaata, akkasuma waan barbaadan akka isa kadhatanutti isaan kakaasa, inni nama kadhateef ni kenna, akkasuma badii isaanii irraa araarama akka isa gaafatan isaan kakaasa, inni gabroottan isaa mu'umintootaaf ni dhiisa.
Halkan harka sadii keessaa harki inni xumuraa sadarkaa inni qabuudha, akkasuma isa keessatti salaata, kadhaa fi araarama gaafachuun sadarkaa inni qabuudha.
Ilma namaatiif yeroo hadiisa kana dhaga'utti yeroo kadhaan itti qeebalamu booji'achuu keessatti bolola jabaa qabaachuutu isaaf barbaachisa.
Sahiiha Muslim (1/ 521) (758).
Dabalata (3)
صحيح البخاري صحيح البخاري (2/ 53) (1145).
الإفصاح عن معاني الصحاح.
ليحيى بن هبيرة (6/ 195).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- عقيدة أهل السنة والجماعة«من يدعوني فأستجيب له؟ من يسألني فأعطيه؟ من يستغفرني فأغفر له؟».
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (3)، والسيرة النبوية (3)التربية الإٍسلامية -3- «ينزل ربُّنا تبارك وتعالى كلَّ ليلةٍ إلى السماءِ الدنيا حين يبقى ثلثُ الليلِ الآخِرُ، يقول: من يدْعُوني فأستجيبَ له؟ من يسألُني فأعطيَه؟ من يستغفرُني فأغفرَ له»
- موسوعة الإيمان«يَنْزِلُ رَبُّنَا تبارك وتعالى كُلَّ لَيْلَةٍ إِلَى السَّمَاءِ الدُّنْيَا حِينَ يَبْقَى ثُلُثُ اللَّيْلِ الآخِرُ، يَقُولُ: مَنْ يَدْعُونِي فَأَسْتَجِيبَ لَهُ مَنْ يَسْأَلُنِي فَأُعْطِيَهُ، مَنْ يَسْتَغْفِرُنِي فَأَغْفِرَ لَهُ»